Jiila Pireezidaantii mana maree waliigalaa dhimmoota islaamummaa Itoophiyaa Dr kabajaa Sheikh Hajjii Ibraahim Tufaatiin durfamuuf simannaan taasifame.
Jiila Pireezidaantii mana maree waliigalaa dhimmoota islaamummaa Itoophiyaa Dr kabajaa Sheikh Hajjii Ibraahim Tufaatiin durfamu turtii isaanii morookoo ture haala gaariin tumuranii dhufuu isaaniitiif Waajjira mana marichaatti simannaan baga nagaan galtanii godhameefii jira.
Jiilli kunis faawudeeshinii Mootii Morookoo Muhaammad 6ffaatti Yaa’ii ulamaa’ota Afrikaa 7ffaa irratti kan hirmaataniifi haafizoota 3 hitmaachisuun haafizoota 2n badhaasa fudhataniiru.
Dorgommiin haafizootaa kun biyyoota 48 kan hirmaachise yoo ta’u Itoophiyaa bakka bu’uun haafizoonni lama badhaasa fudhataniiru.
Jiilli Pireezidaantii mana marichaa Dr kabajaa Sheikh Hajjii Ibraahim Tufaatiin durfamu kunis adeemsa isaanii keessatti biyyoota hedduu daaw’achuun muuxannoo achi jirus qoodatanii jiru.
Dr kabajaa Sheikh Hajjii Ibraahim Tufaa haasaa taasisaniin daaw’annaa kana irrratti biyyoota itti imalan waliin marii cimaa gaggeessuu isaanii ibsaniiru.
Imala kana adda kan isa taasisu jiilli isaanii qaamolee mootummaa biyyattii waliin qaamaan wal-arguun erga mari’atanii booda Mootiin Morookoo yeroo ammaa biyyattii hogganaa jiru Itoophiyaadhaaf iddoo addaa kennuu balbala isaanii banaa godhuu himaniiru.
Kana males Majlisni biyya Morookoo hoggantoota mana maree ol’aanoo dhimmoota islaamummaa Itoophiyaa sadarkaadhaan jiraniif leenjii kennuudhaaf waadaa galaniiru jedhan.
Waadaa kana keessatti manni marichaa waggaa waggaadhaan barattoota 40 gara biyya Morookootti kan erguu fi barattoota kanneenis baasii biyya Morookootiin akka ta’es ibsaniiru.
Pireesdaantiin mana maree ol’aanoo dhimmoota islaamummaa Itoophiyaa Dr kabajaa Sheikh Hajjii Ibraahim Tufaa haasaa isaanii keessatti leenjiin biyya Morookootti kennamuudhaaf deemu kunis aqiidaadhaan osoo adda hin baasiin gaggeeffamu ta’uu ragaa bahaniiru.
Dursaan itti aanaa Pireezidaantii mana maree waliigalaa dhimmoota islaamummaa Itoophiyaa Sheek Abdulkariim Sheek Badraddiin daaw’annaan kunis biyya keenya sadarkaa idil-addunyaatti kan mul’iseedha jedhan.
Majlisa Oromiyaa irraa odeeffanne

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*