Haati goota kanaa Ahmed Fateh Al-Ahmed, ilmi ishee ”yeroo hunda ija jabaa fii goota ture” jetteetti.
Gaaffii fi deebii ABC News waliin taasisaniin Malakeh Hasan Al-Ahmed akka jedhanitti, “Ilmi koo namoota gargaaraa turuu isaatiin nan boona. Lubbuu, lubbuu baraare. Rabbiin waan gaarii hojjeteef isa eega. Ilmi koo yeroo hunda ija jabaa ture, nama gargaara, inni yeroo hunda nama akkasiti , Namoonni lubbuu isaanii akka dhabaa jiran argee. Rabbiin akka isa baraaru (tiksu) kadhanna.”




