Fedhiin addunyaan bunaaf qabu yeroo gara yerootti saffisaan dabalaa dhufuun walqabatee hangi bunaa Itoophiyaan alatti ergituufi galiin argataa jirtu daran guddataa jira. Kun ammoo baay’inni abbootiin qabeenyaa omishaafi alergii bunaarratti bobba’anii akka dabalu taasiseera.
Bara 2017 Itoophiyaan buna toonii kuma 470 gabaa alaatti erguun galii doolaara Ameerikaa biliyoona 2.65 argachuu dandeesseetti.
Kun bara 2016 toonii kum 298.5 erguun galii doolaara biliyoona 1.43 argatteen yommuu walbira qabamu baay’ina bunaan toonii kuma 170 caalmaa yoo agarsiisu, galiin ammoo garaagarummaa doolaara biliyoona 1.2 mul’iseera.
Haaluma walfakkaatuun Itoophiyaan barana buna toonii kuma 600 alatti erguun galii doolaara Ameerikaa biliyoona sadii argachuuf hojjetaa jirti. Karoora qabame kana milkeessuuf omishtootaafi abbootii qabeenyaa buna alatti erganirraa dhamaatii guddaatu eegama.
Itoophiyaan buna omishuun Afrikaa keessatti sadarkaalee jalaqabaarra yoo taatu, addunyaarraa biyyoota buna hedduminaan gabaa alaaf dhiyeessan Biraazil, Kolombiyaafi Veetenaamfaan morkachuun gara sadarkaa sagalaffaatti dhufuu danda’uun taatee ajaa’ibaati.
Galii argameefi hanga alergii bunaa dabale keessatti shoorri abbootii qabeenyaafi qonnaan bulaa omishaafi daldala bunaarratti hirmaatanii olaanaadha. Abbootiin qabeenyaa omishaafi alergii bunaarratti bobba’an gatiin bunaa addunyaarratti dabaluun fayyadamoo akka isaan taasise Gaazeexaa Bariisaaf ibsaniiru.
Abbaan qabeenyaa Dhaabbata Dhuunfaa Tiraakoon Tireediingi Obbo Sayid Umar akka jedhanitti, dhaabbileensaanii Tiraakooniifi Kabiir jedhaman bara 2017 alergii bunaan biyyaaf galii doolaara Ameerikaa miliyoona 215 argamsiisuun akka biyyaatti sadarkaa lammaffaa isaan taasisa. Akka biyyaatti alergii bunaarraa galii doolaara Ameerikaa miliyoona 260 argamsiisuun dhaabbatni dhuunfaa AMG jedhamu sadarkaa dursaa qabateera.
Obbo Sayid, mootummaan abbootii qabeenyaa onnachiisuuf sochii taasisu cinatti gatiin buna Itoophiyaa gabaa addunyaarratti dabaluun damee kanarratti bobba’uuf isaan kakaasuu dubbatanii; Itoophiyaan xaa’oo, boba’aa, qorichaafi omishaalee biroo alaa galchuuf sharafni alaa daran ishee barbaachisa.
Gatiin bunaa addunyaarratti dabaluun biyya omisha bunaan beekamtu Itoophiyaaf misiraachoo guddaadha. Bunni hanqina sharafa alaa furuun dinagdee guddisuu qofa osoo hin taane carraa hojii bal’aa uumuurratti shoora guddaa taphataa jira. Kanaafuu, fuulduratti lafa omisha bunaa mootummaan kenneefitti qixa sirriin fayyadamuun galii olaanaa argamsiisuuf akka hojjetanis beeksisaniiru.
Doktar Huseen Amboo Pirezidaantii Waldaa Alergii Bunaa Biyyaalessa Itoophiyaa yommuu ta’an, gatiin bunaa addunyaarratti dabaluun omishaafi alergiin bunaa akka dabalu taasiseera. Waldichi omishtootaafi daldaltoota hedduu of jalatti hammachuun milkaa’ina olaanaa galmeessisaa jira.
Qonnaan bultoonni buna hektaara 30fi isaa ol qaban hedduunis waldaa kana jalatti hammatamuun bu’aqabeessummaasaanii mirkaneessaa jiru. Buna bara darbe alatti argamuun galii olaanaa argamsiise keessatti gaheen waldichaa olaanaadha.
Obbo Abdul Mahaammad buna dabalatee omishaalee qonnaa alatti erguurratti bobba’anii jiru. Akka isaan jedhanitti, beekamtiifi onnachiiftuu mootummaan abbootii qabeenyaaf kennaa jiru daran kaka’umsa guddaa uuma.
Fedhii biyyootni alaa omishaalee Itoophiyaaf agarsiisaa jiranis omishaafi alergiirratti xiyyeeffannoon hojjennaan bu’a qabeessa nama taasisa. Dhaabbatnisaanii bara darbe mi’eessituuwwan akaakuuwwan garaagaraa alatti erguun galii doolaara Ameerikaa miliyoona tokko argamsiisuu danda’eera. Baranas galii argatu kan bara darbee caalaatti guddisuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetaa jira.
Ragaaleen Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayii akkasumas marsariitii “TradelmeX” jedhamurra argame akka mul’isutti, Itoophiyaan bakka argama buna Arabikaa yommuu taatu …
Guutummaasaatiif .

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*