Hojiin lakkoofsa faayidaa lakkoofsa herrega maamiltootaa baankiilee hunda waliin walqabsiisuu jalqabame
‎*************
‎Baankiin Biyyaalessaa hojii waraqaa eenyummaa dijitaalaa ‘Faayidaa’ baankiilee hundatti lakkoofsa herrega maamiltootaa waliin walitti hidhuu ifatti jalqabiise.
‎Hojiin sirna odeeffannoo walsimsiisuun walitti hidhuu kun maamiltoonni iddoma jiran taa’aanii haala nageenyummaansaa eegameen maallaqa akka daddabarsan kan gargaaruudha.
‎Dabalataanis sanada sobaatiin qaamoleen biroo herregasaanii sochoosuu akka hindandeenyeefi haala salphaan tajaajila liqii akka argatan kan taasisuudha.
‎Baankonni hojii walsimsiisuu kanaan ragaa maamiltootasaanii waqtaawaafi sirrii ta’e argatu.
‎Burjaajii maallaqaa sanada sobaatiin raawwatamus kan ni ittisa.
‎Maamiltoonni lakkoofsa herregasaanii, ragaa ‘Faayidaa’ wajjin walitti hidhuuf gara damee baankiisaanii qaamaan dhaquun yookaan karaa toora marsariitiin (online) lakkoofsa jijjiirama ‘Faayidaa’ dhiyeessuun raawwachuu nidanda’u.
‎Baankiin Biyyaalessaa maamiltoonni hanga bitooteasa 30 bara 2018titti lakkoofsa herreega baankiisaanii ragaa ‘Faayidaa’ wajjin akka walitti hidhan hubachiiseera.
‎Maamilli waraqaa eenyummaa dijitaalaa ‘Faayidaa’ hingalmoofne buufata galmeessa Faayidaa naannawasaatti argamutti akka galmaa’u eerameera.
‎Baankota hundatti herrega haaraa banuu akkasumas lakkoofsota herregaa tlbuleeyyii waraqaa eenyummaa dijitaalaa ‘Faayidaa’ waliin walitti hidhuun yeroon ittiraawwatamu bahuun baankota hundaafuu raabsameera.
‎Hojiin walitti hidhuu kun gara raawwitti galuun damee faayinaansiif qofa otoo hintaane imala ce’umsa dijitaalaa biyyattii keessattis gahee guddaa gumaacha jedhameera jechuun Gaazexaa Pilaastu gabaase.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*