Misaa’elli Türkiye ajaa’iba jedhamaa ture tajaajilaaf qaqqabeera
Moggaasni ”Tayfun” jedhu kan kennameef misaa’elli balistikii fageenya dheeraa kun, Türkiyen ofumaa isheef dandeettii biyya keessaatiin qofa kan oomishte yoo ta’u, hojiin oomishaa fi geejjibaa walduraa duubaan itti fufee osoo jiruu qorannoon adda addaa irratti gaggeeffamaa ture.
Misaa’elli Tayfun kan kalaqeefi gahee oomishaasaas qabu Roketsan, dhukaasa yaali haaraa kana kaleessa Galaana Gurraacha keessatti gaggeesse.
Qormaanni milkaa’aan kun qophii hojii sirnichaa fi sirritti xiyyeeffannoo sadarkaa olaanaa isaaf kennames agarsiiseera.
Dura taa’aan Industirii Ittisaa (SSB) Haluk Gorgun Jimaata har’aa akka ibsanitti, ”qormaata milkaa’aa ta’een samiin ammas fedhii sabaa argeera” jedhan.
“Misaa’elli keenya Tayfun, dhukaasa yaalii milkaa’aa gaggeeffameen, ulaagaa biraa kan daangaa nageenya keenyaa bal’isuu fi ofirraa ittisuu keenya cimsu qaxxaamuree jira. Adeemsa kana keessatti sirna haaraa argannoo keenyatti dabaluu fi kalaqaafi oomisha biyya keessaatiin dandeettii ofirraa ittisuu keenya cimsuu itti fufna,” jechuu isaanii Spider Media n Türkiye Today irraa odeeffate.
Gorgun barbaachisummaa bu’aa kanaa bal’inaan ibsuun, “Milkaa’inni kun misaa’ela galma isaa qixaan rukutu qofa osoo hin taane, imala dheeraa humna injinariingii keenyaa, sammuu dargaggoota keenyaa fi kutannoo ummata keenyaa hin sochoone sanaan utubame kan mirkaneessu bu’aa boonsaadha” jechuun ibsaniiru.
“Tokkoon tokkoon ol ka’iinsaa sarara ofitti amanamummaa samii biyya keenyaa kanaa kan tiksu, tokkoon tokkoon rukuttaa sagalee cimaa fedhii Türkiye kan kabachiisuufi nageenyaa isiis eeguudha,” jechuun dabalaniiru.
Milkaa’inni dandeettiin olaanaa kun agarsiiftuu qabatamaa kutannoo Türkiyen egeree ishee eeguuf qabduudha kan jedhan Gorgun, tarkaanfiin tokkoon tokkoon biyyaattiin fudhattu caalaatti ofitti amanamummaa, ciminaafi kutannoodhaan gara fuulduraatti adeemuu itti fufeera,” jedhani.
Misaa’ela fageenyaa dheeraa qabuufi biyya keessatti oomishame Tayfun, amma oomishamaa jira




