Namni yakkaan shakkamee to’atame sa’aatii 48:00 keessatti mana murtiif dhiyaachuu qaba” Obbo Gazaalii Abbaa Simal
************
Namni yakkaan shakkamee to’annaa seeraa jala oole sa’aatii 48:00 keessatti mana murtiif akka dhiyaatu seera biyyattiitu dirqisiisa jechuun Pirezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Obbo Gazaalii Abbaa Simal hubachiisan.
Obbo Gazaaliin gaafdeebii Roobii darbe Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, Waaqaa gaditti amantaa ummanni haqasaaf mana murtiirra kaayyata.
Nama yakkaan shakkamee to’atame seeratti dhiyeessuufi dhimmoota biroon walqabatee rakkoo darbee darbee mul’atu maqsuuf sagantaan fooyyessa sirna haqaa diriirfameera. Haaluma kanaan poolisii dabalatee koreen qaamolee seeraa hunda hammate hanqina raawwii mul’atu furuuf hundeeffameera.
Namni tokko yakkaan shakkamee yoo to’annaa jala oole sa’aatii 48:00 keessatti mana murtiif dhiyaachuu qaba. Dhimmi ittiin shakkame mirga wabii kan eegsisuuf taanaanis mirgi wabii eegamuufii qaba.
Gidduutti sababa poolisii yookiin abbaa alangaatiin dhimmi shakkamaa sanaa harkifatee dhimma sana ilaaluun furmaata kennuun dirqama jedhanii; haala amma jiruun garuu hojiin qindoominaa bu’aqabeessi jiraachuu dubbataniiru.
Nama manni murtii bilisa jedhe poolisiin deebisee hidhuun akka komiitti ka’a gaaffii jedhuuf Obbo Gazaaliin, olaantummaan seeraa bakkawwan hundatti akka mirkanaa’uufi, riifoomiin kan barbaachise.
Qaamni hunduu dirqama seera kabajuufi kabachiisuu qaba. Kanaafis koreen waloo kan hundaa’eef jedhanii; olaantummaan seeraa qajeeltoo heera biyyaafi idiladdunyaa ta’uun hubatamee ajaja manni murtii kennu kabajuun dirqama seeraati. Ta’us haala amma jiruun harcaatii darbee darbee mudaturraa kan hafe komiin akka rakkoo guddaatti dhiyaatu hinjiru jedhaniiru.
Rakkoo nageenyaan walqabatee namoota to’annoo seeraa jala oolan ilaalchisee akka jedhanitti, du’a Artisti Haacaaluu Hundeessaan walqabatee hookkara uumamee tureen namoonni shakkamanii to’annaa jala oolan dhaddacha hundeessuun dhimmisanii akka ilaalamu taasifamuu himanii; bakka biroottis rakkoo mudate haala walfakkaatuun ilaaluun kanneen bilisa ta’an gadi lakkisuu, yakkamtoota ammoo olaantummaa seeraa irratti mirkaneessuu dubbataniiru.
Gama biraatiin abbootii seeraa rakkoo naamusaa qabaniifi ittigaafatamummaasaanii moggaatti dhiisuun maallaqaan haqa dabsanirrattis tarkaanfiin araarama hinqabne fudhatamaa jiraachuu ibsanii; hojii riiformiin abbootii seeraa naamusaafi ga’umsa olaanaa qaban horachaa jiraachuu eeraniiru.
Oromiyaatti sirna haqaa amantaa ummataa gonfatee hundeen lafa qabsiisuuf hojiileen riiformiin hedduun hojjetamaa jira. Rakkoo deddeebii abbaa dhimmaa hanbisuuf himata kallattiifi oliyyata adda baasuun akkaataa ulfina dhimmichaan yeroo qabame keessatti furmaata akka argatu taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Kana dura waraqaatti tajaajilamuun abbaan dhimmaa himatasaa Mana Murtii Aanaa hanga Mana Murtiii Waliigalaatti geessuuf baasiifi yeroo hedduu fudhataa turuu yaadachiisanii; bara 2022tti garuu waraqaan hafee tajaajilli teknoloojii e-faayiliingii eegalame guutummatti hojiirra ooluun namni bakka jirutti tajaajila akka argatu kan taasifamu ta’uu ibsaniiru.




